Sababoota ijoo shan rakkoo nageenyaa Wallaggaa hammeessan - BBC News Afaan Oromoo (2024)

Sababoota ijoo shan rakkoo nageenyaa Wallaggaa hammeessan - BBC News Afaan Oromoo (1)

Madda suuraa, Oromia Police Commission/Facebook

Lixni Oromiyaa waggoota muraasa darbaniif dirree lolaa fi hokkoraa ta'ee lammiilee rakkoo hamaaf akkuma saaxileetti itti fufeera.

Rakkoon akka lola Kaaba biyyattiitti xiyyeeffannoo addunyaa hin arganne kuni taatee kana dura Wallaggatti hin beekamne keessummeessuu itti fufeera.

Ajjeechaa jumlaa, saamichi, haleellaa, buqqaatiifi badiin raawwatamaa jiru Wallagga biyya bunaa, magariisa ta'ee fi hawaasa barate horateef dirree waraanaas ta'u agarsiiseera.

Rakkoon gama Kibba Oromiyaas jiraatu sababoota adda addaan rakkoon gama Lixaa wal xaxaa fi qooda fudhattoota garagaraa kan hirmaachisedha.

Waggaa darbe qofa ajjeechaan bakka tokkotti dhibbaan lakkaa'aman, suukaneessaa ta'aniifi kana dura hin baramne raawwatan yoo Benishaangul ta'e malee bakkee biraa biyyattiitti hin mudanne.

Haleellaan bifa jijjiirrate raawwachaa jiru jiraattotaaf waan kana dura hin baramnedha. Saboota waggootaaf walkeessa jiraataniis ija shakkiin akka wal ilaalan taasiseera.

Lola Tigraay dura rakkoon eegale ammallee furmaata hin argatiin jira. Rakkoo gama Lixa Itoophiyaa kana maaltu hammeesse? Sababoonni ijoo shanan adda baafne kunooti.

Sababoota ijoo shan rakkoo nageenyaa Wallaggaa hammeessan - BBC News Afaan Oromoo (2)

Sochii hidhattootaa

Qonnaan bulaa Jamaal Ali [maqaa dhokfame], abbaa ijoollee lamaa, haleellaa Kiiramuutti Hagayya 2013 raawwatee lammiilee 100 ol galaafate keessaa lubbuun hafani.

Yeroo ammaa baqachuun Naannoo Amaaraatti deebi'aniiru. Wallaggatti dhalatanii guddatuu kan himan qonnaan bulaan kuni rakkoon ijoo hidhattoota ta'u himatu.

''Kan kana hunda hojjetu Shaneedha. ABO Shaneetu rakkoo kana fide malee nuti walfuunee, walitti firoomne waliin jiraanna mitimoo?'' jechuun BBC'tti himan.

Dargaggoon kuni ajjeechaa suukaneessaa arguufi namoonni sabaan foo'amanii ajjeechaa irratti raawwatuu ragaa isaanii BBC'tti himan. Ajjeechaa kana booda garuu haaloo ba'iinsiis ture.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan seerri Itoophiyaa 'ABO - Shanee/Shanee' jedhee waamu MM Abiy Ahimad aangotti dhufuun dura gama moggaa Lixa Oromiyaatti socho'aa ture.

Gareen kuni dhaaba ABO irraa adda bahuu isaa ifatti labsuun sochii isaa itti fufuun bakkeewwan Lixaafi Kibba Oromiyaa bulchuun mootummaaf rakkisaa taasisaniiru.

Bakkeewwan Oromiyaa rakkoo nageenyaa qaban keessaa kanneen ijoo ta'an bakkeewwan hidhattoonni kunneen socho'anidha. Ajjeechaa jajjaboo hedduu raawwachuunis himatamu.

  • Haleellaan Wallagga Bahaatti lubbuu namoota hedduu galaafate akkamiin dhaqqabe?
  • Feesbuuk WBO fi qabiyyeewwan sochiisaa leellisan maalirraa ka'ee uggure?
  • Lola hidhattootaa fi mootummaa 'lammilee nagaa gatii qaalii kafalchiisaa jiru'

Haleellaan bara 2018 gareen kuni itti himatameefi qondaaltota Godina Kaamashiirratti raawwate lammiileen kuma 100 ol akka buqqa'an, hedduun akka ajjeefaman taasiseera.

Daandii cufuu, qabeenya ummataafi mootummaa mancaasuufi gubuu, ukkaamsuu, qabatanii gadhiisisuuf qarshii gaafachuufi kaan biroonis himatamu.

Keessumaa ALI bara 2013 keessa ajjeechaa jumlaa, saamicha, ajjeechaa qondaaltotaafi caasaa nageenyaa irratti xiyyeeffate taasisuufi seera maleessummaa babal'isuun himatamu.

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo, Baabboo Gambeel, akkasumas Godina Horro Guduruu Aanaa Abee Dongoroo, Amuruufi Abbaay Coommanitti ajjeechaan raawwateera.

Booda kanammoo Godina Horro Guduruu Wallaggaa akkasumas Wallagga Bahaatti raawwateen lammiileen dhibbaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.

Ajjeechaawwan kunneen gara caalu saba Amaaraa godinoota kana keessa jiraatan irratti xiyyeeffachuun isaanii jiraattonni akkasumas qondaaltonni dubbataniiru.

Haleellaan haaloo ba'umsa fakkaatun raawwateenis lammiileen nagaa saba kaanirraa lubbuu dhabaniiru. Gareen kuni garuu badii kana raawwachuu waakkata.

Xiinxalaan dhimma gama Lixa biyyattii itti dhiheenyaan hordofaniifi maqaa naaf dhoksaa jedhaniis ''Dubbii kana kan hammeesse xuxxuqqaa qaama hidhateeti,'' jechuun yaada walfakkaataa kennu.

''Gammoojjiin lafa baay'ee barana qullaa bahe, hin qotamne,'' jechuun dhalattoonni Amaaraa qe'eerraa buqqa'uu himan.

Sababoota ijoo gareen kuni dhalattoota Amaaraa irratti xiyyeeffate jedhamu yoo ibsanis barbaacha meeshaa waraanaa, akkasumas hidhattoota tumsuu dhabuu isaanii akka fakkeenyaatti kaasu.

Taatullee haleellaa gareen kuni tti himatamuun kan lubbuu dhabaa fi qe'eerraa buqqa'aa ture kan dhalootaan Amaara ta'e qofa hin turre - jiraattota mara.

Haleellaawwan kunneen garuu araara yookiin nagaatti hin geessine. Qaamoleen ajjeechaa kanaan miidhaman lola biraa keessa akka seenan kakaasuutu amanama.

Sochii hidhattoota Amaaraa

Ajjeechaa fi badii garaagaraan hidhattoonni Amaaraa kan himatamuu eegalan keessumaa booda kana Godina Wallagga Bahaa akkasumas Horro Guduruutti badii raawwateen boodadha.

Godinoota lamaan keessumaa gara gammoojjiitti hawaasni Amaaraa bara Dargii qubatee fi hawaasa achi jiru waliin walta'umsaan jiraata. Ta'ullee, sochii hidhattootaan walqabatee walitti bu'iinsi dhalate.

''Qaamni hidhate nama hedduu jalaa ajjeeseera kanaan dura. Amma gumaa qaamni hidhate jalaa ajjeese sana Oromoo argatan ajjeesuun bahaa jiru. Guyyaadhaa guyyaatti namni du'aa jira.

''Yeroo isaan gaafattu isuma kaleessa nu waliin nyaatetu nu ajjeesise,'' jedhu jechuun xiinxalaan dubbisne deebii kennu.

Hidhattoonni Amaaraa haleellaa haaloo bahudha jedhameen ALI baatii Mudde bara 2014 keessa Godina Wallagga Bahaa fi Horro Guduruutti lammiileen ajjeefamaniiru, qabeenyis barbadaa'eera.

Jiraataan Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee, Ganda Harbuu Nagaasooti dubbisne qabeenyi qaban waan jalaa barbadaa'eef qe'eedhaa baqatanii bahaniiru.

''Namni achi keessatti du'e namoota sagali. Namoonni kunimmooyyuu namoota baqachuu hin dandeenye, jaarsa umrii 90 fa'i keessa jira,'' jechuun kanneen reeffi mana keessatti gubatees akka jiran ibsan.

  • Waan Wallagga Bahaafi Horro Guduruutti adeemaa jiru mootummaan hangam quba qaba?

Qonnaan bulaan biraa dubbisnes kanneen haleellaa booda kanaa raawwatan dhalattoota Amaaraa achi jiran akka ta'an, ta'us humna akka dabalatan ibsan.

''Araaraaf yeroo teenyeetti nutis Faannoo fidanneerra. Nutis of sodaannee Amaara waammanneerra,'' jedhanii dubbachuu isaanii BBC'tti himan.

Yaada kana qonnaan bulaa biroonis waliigalu. Gaafa waa raawwatan ''Faannoo faannoo jedhu, ni ililchuu'', jechuun ibsan.

Qonnaan bultoonni kunneen bakka isaan jiraatanitti hidhattoonni WBO akka hin jirreefi kana dura garuu bakkee biraatti hidhattoonni saba Amaaraa achi jiru waliin akka walitti bu'an himu.

Namnii biraa kan maatiin isaanii ajjeefamanii, qabeenyi isaanii gubateefi Finfinneedhaa dubbisne immoo yaada biraa kennu.

Bakka hidhattoonni Amaaraa haleelan bakka kana dura hidhattonni WBO socho'aa turan ta'u himu.

''Socho'aa turani, eeyyee. Lafa amma gubate mara socho'aa turani. Ammammoo naannoo sana hin jirani,'' jechuun dubbatan.

''Walitti bu'iinsa sabaa miti akeeka siyaasaa qaba. Waan isaa haaloo bahuu'' fakkaata jechuun ibsu.

Sababoota ijoo shan rakkoo nageenyaa Wallaggaa hammeessan - BBC News Afaan Oromoo (3)

Madda suuraa, Russian Federal Security Service

Dargaggoon biroo sababa haleellaa dhiheenyaan abbaa isaa ajjeefaman owwaales ''Qaamooleen saba keenya miidhan isin keessa jiru jechuun akka haaloo wal bahuuti,'' jechuun himan.

Jiraataan G/Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa biroo immoo haleellaa baatii Sadaasa keessa hidhattoonni Amaaraa raawwatan jedhaniin obboleessaafi soddaa isaanii dhabani.

''Nuti dhalattoota Amaaraa waliin waggaa baay'eef nagaan jiraachaa turre,'' jedhan. ''Amma maatii keenya miidhaa kan jiru isaan osoo hin taane qaama haaraa hidhatee naannoo Amaaraa irraa galeedha,'' jedhan.

Maddootni garagaraa dubbisne dhalattoota Amaaraa hidhatan alatti qaamni hidhate biroo Naannoo Amaaraa irraa seenuu akeeku.

Himannaa kana cimsuunis xiinxalaan dubbisne‚ ''Abbootiin qabeenyaa Wallagga keessaa lafa qonnaa babal'aa qaban namoota leenjisanii hanga baasitti galchan gahaniiru,'' jedhu.

Bulchaan Godina Wallagga Bahaa ifatti haleellaa raawwate 'finciltoota Amaaraatu'' raawwate jechuun ifatti balaaleeffataniiru.

BBC'n hidhattoota Amaaraa himannaan irratti ka'e argachuuf yaaliin taasise ammaaf hin milkoofne.

Dhimma hidhattoota kanaa Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Shaafi Huseen garuu hidhattoonni Amaaraa haleellaa tibbanaa keessa qooda qaban warra achuma jiraatan ta'u himu.

Ta'us, yeroo humni mootummaa socho'u bakkaa bakkatti socho'u jechuun qaamoleen kuni bakkaa bakkatti akka sosso'an akeekan.

Qaamoleen hidhataniifi maqaa sabaa dhahan haleellaa gamaafi gamanaan raawwataniin ummanni waggootaaf waliin jiraatu akka wal shakku, akka walirratti garagalu taasiseera.

Qonnaan bultoonni dubbisne marti walitti bu'iinsa akkanaa takkaa arganii akka hin beekne dubbatu. Hawaasni lamaanuu haleellaan raawwatuu dura yaaddoo isaanii qaama mootummaatti ibsuu himu.

Mootummaa

Dirqamni ijoo mootummaa nageenya lammiilee tiksuu taa'ullee, dhalattoonni Oromoos ta'e Amaaraa bakkeewwan Lixa Oromiyaa jiraatan mootummaan dirqama kanarraa hanqachuu himu.

''Qaamni mootummaa to'achuu qabu ture. Lubbuu, qabeenya badetti itti gaafatamuu qabu. Sabni kuni saba waraana keessa jiru miti, saba mana isaatti gubatedha,'' jedhu qonnaan bulaan Jaardagaa Jaartee.

''Mootummaanis nurratti ilaale. Dafee nuuf dhaqqabuu dadhabe. Beekaama dhaggeeffate walii isaa hin beeku garuu,'' jedhan yeroo ammaa qe'ee isaaniitti deebi'u isaanii dubbachaa.

  • Bara Itoophiyaa fi ummanni biyyattii haalaan itti qoraman – taateewwan ijoo bara 2013

Jiraataan Finfinneerraa dubbisne Kiiramuu eegalee yeroo babal'atu mootummaan ''ni callisa'' jechuun himu. ''Dahoo Shaneeti gubani haa gubani waan jedhamutu jira,'' jechuun himatu.

Xiinxalaanis kanaan waliigalu. Hawaasni gama lamaanuu jiru osoo rakkoon hin babal'atiin dursee yaaddoo isaa ibsuun ''nurraa dhowwi mootummaa jedhanii iyyaa turan.''

Dhimma kana qondaalli olaanaa nageenyaa Oromiyaa hin fudhatani. ''Inumaayyuu humni qabnu lixa jira. Akka motummaatti tarkaanfii garaagaraa fudhataa jirra,'' jedhu Obbo Shaafiin.

Yeroo garaagaraatti sochii nageenya tasgabbeessuun walqabatee humnoonni nageenyaa lubbuun darbee fi miidhaan irra gahes jijjiru.

Dhimmi biraa meeshaan waraanaa qixa kennamuu dhabe jechuun himannaa ka'udha.

Sababoota ijoo shan rakkoo nageenyaa Wallaggaa hammeessan - BBC News Afaan Oromoo (4)

Madda suuraa, Oromia Police

Qaami tokko leenji'ee meeshaa qabachuu yookiin meeshaa qabaniin akka ofirraa faccisan eeyyamamuu, kaanimmoo qabaachuu dhabuu komatu.

Qonnaan bulaan Amaaraa kana dura Aanaa Kiiramuudhaa BBC'n dubbise mootummaan meeshaa hidhataniin haleellaa hidhattoota ABO -Shanee jedhee waamu akka ittisan eeyyamuu ibsan.

Kanneen haleellaa tibbanaan badiin irra gahe garuu mootummaan kaan hidhachisee, kaan dhowwate jechuun himatu.

  • Haleellaa Saasiggaan poolisoonni hedduun madaa’an, hidhamtoonni miliqfaman

''Qaamuma aanaatu hidhachiise. Rasaasa gahaa hidhaniifi. … Qaamni mootummaa saba kana walqixxee hidhachiisuu didee jedhee namni mufata,'' jedhan qonnaan bulaan araara taa'uu himan.

Bakkeewwan tokko tokkotti mootummaan meeshaan harka hidhattoota WBO seena jechuun meeshaa waraanaa milishaa gubbaa fuudheera.

Hidhattootatti dabarsitanii kennitu jedhamtaniiti kan meeshaa isin dhowwatan kan jedhaman maanguddoon kuni ''Shanee sababadha godhu. Namni ho'u jedheeti shaneetti laataa?'' jedhan.

Obbo Shaafin garuu komii kana hin fudhatan. ''Addatti jaraa [dhalattoota Amaaraa] meeshaan kenname hin jiru,'' jedhan.

Taatullee meeshaa kanaan badiin akka raawwatuu malu akeeku. ''Durii kaasee jarri meeshaa qabu. Meeshaa sanaan bakka tokko tokkotti miidhaa qaqqabsiisuun ni mala.''

Qeeqni biraa mootummaan waraana irra deddebbiin adeemsisuus jijjiirama ifatti mul'atu fiduu hin dandeenye kan jedhan jiru. Kanaaf, gama araaraan akka furu gorsu.

Obbo Shaafin 'karri mootummaa banaadha' jechuun ibsu. Ta'us, hidhattoonni 'afaaniin dubbatu malee nagaan xumuruuf qophii miti' jechuun himan.

Gama Lixa Oromiyaa kan ajjeechaafi dararaan kan himatamu garuu hidhattoota gama lamaanii qofaa miti. Mootummaanis mana hidhaati baasanii ajjeesuu, seeratti osoo hin geessin ajjeesuu dabalatee ni himatama.

  • 'Takkaa maqaansaa sababa kanaan dha'amee hinbeeku '- Abbaa Amaanu'eel

Namoonni jumlaan hidhamuu, mana murtiitti dhihaachuu dhabuu, murteen mana murtii kabajamuufi dhabuufi kaan dhimmoota komii humnoota nageenyaa mootummaarratti ka'anidha.

Yeroo rakkoon nageenyaa mudate tajaajilli bilbilaafi intarneetii adda cituun lammiileen rakkoo dabalataaf akka saaxilaman taasiseera.

'Fedhii siyaasaa'

Naannoon Oromiyaa naannolee Itoophiyaa keessaa guddichaafi lakkoofsa ummataa bal'aa qabudha. Giddugaleessa biyyattii keessattis argamti.

Kunimmoo kanneen siyaasa biyyattii to'achuu fedhaniif ija keessa akka seensisan godha amantaa jedhu qaba Mootummaan Naannoo Oromiyaa.

Hoogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Shaafi Huseen ''fedhii siyaasaati,'' jechuun ibsu.

Hidhattoonni lamaan rakkoo godinoota Wallaggaaf himataman ergamni isaanii gargar ta'us galmarratti walgahaan qabu jedhu qondaalli olaanaa nageenyaa kuni.

''Kaayyoon isaanii lamaanuu kaayyoo badisaati,'' jechuun himatu. ''Qabatamaan walitti firoomanii miidhaa qaqqabsiisaa jiru,'' jechuun BBC'tti himan.

''Biyya diiguu, saba buqqisuu, qabeenya barbadeessuu, goolii uumuu, yoo danda'ame sirna kana diiganii mootummaa ce'umsaa hundeessuudha,'' jedhan.

  • TPLF fi 'Shanee' shororkeessummaan farrajuun nageenya Itoophiyaa garam geessa?

Kan waggaa tokko oliif mootummaa federaalaa lolaa ture TPLF ifatti WBO waliin hariiroo tolfachuu isaa ibseera. Mootummaan 'duruu waluma turan, dubbachaa turre' jechuun ibse.

Kanaanis, TPLF WBO'tti fayyadamuun saba lamaan walitti buusuuf hojjetaa jira jechuun mootummaan himata.

Dhimmi biroo paartileen mormituu ijoo Oromiyaa keessa sosso'an ifatti sochii hidhattootaa yoo qeeqan hin mul'atu. Kunimmoo hidhattoota akka ija jabaatan godheera jechuun kan ibsan jiru.

Sababoota biroo

Mootummaan ADWUI'dhaan hoogganamu mormii ummataan buqqa'ee bulchiinsi haaraa aangotti bahuun jiru saaxileera.

Bakkeewwan biyyattii garagaraatti hokkarri siyaasaa, amantiifi sabaa mudataa ture. Sababa kanaanis lammiileen kumaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.

Wanti gama Lixa Oromiyaa mudatees haala siyaasaa biyyattii keessatti mul'aterraa adda bahee ilaalamu hin danda'u.

Jiraattonni waggoota dheeraaf waliin jiraatan eega waggoota muraasa as waan haaraa isaan mudatu himu.

Hawaasni walkeessa yeroo dheeraaf jiraate akka walshakkuufi rakkoon akka hammaatu gaheen paartileen siyaasaa, miidiyaaleen, akkasumas rogeeyyiin olaanaa ta'u xinxaltoonni ibsu.

  • Riifoormiin MM Abiy garaagarummaa saboota saaxile

Gama kaaniin, dargaggeessa hojii dhabuufi lafi qotisaa wal hanqachuun kanneen rakkinoota hammeessan keessaa tokko ta'u kan ibsan jiru.

Walitti bu'iinsa 200 ol akka guutuu biyyaatti mudatan jedhee mootummaan ibseen dhaabi kana dura siyaasa Itoophiyaa olaantummaan kan to'atee tureTPLF harka keessaa qaba jechuun mootummaan himata.

TPLF kana hin fudhatu. Lola Kaaba Itoophiyaatti ka'een humni nageenyaa kana dura gama Lixaafi Kibba Oromiyaa turan bakka biraatti akka socho'an ta'eera.

Kuni mataan isaa rakkoo nageenyaa hammeessuu keessatti qooda ofii qaba.

Humnoota siyaasaa gidduu wal hubannoon dhibuufi wantoota ijoo biyyattii irratti waliigalteen dhabamuun ammallee biyyattii duubatti harkisaa jira.

Akkuma ogeeyyiin jedhan maddi nageenyaa ijoo siyaasadha. Rakkoon gama Lixa biyyatti jiruus rakkoo bakkeewwan biyyattii kaan mudaterraa adda miti.

Mariin biyyaalessaa ni adeemsifama jedhame rakkoowwan ijoo akkanaaf furmaata fida jedhamee amanama. Hammasitti garuu ummanni yeroo dheeraaf nagaa dhabee abdii qofaan jiraata.

Sababoota ijoo shan rakkoo nageenyaa Wallaggaa hammeessan - BBC News Afaan Oromoo (2024)
Top Articles
Latest Posts
Article information

Author: Edwin Metz

Last Updated:

Views: 5505

Rating: 4.8 / 5 (58 voted)

Reviews: 89% of readers found this page helpful

Author information

Name: Edwin Metz

Birthday: 1997-04-16

Address: 51593 Leanne Light, Kuphalmouth, DE 50012-5183

Phone: +639107620957

Job: Corporate Banking Technician

Hobby: Reading, scrapbook, role-playing games, Fishing, Fishing, Scuba diving, Beekeeping

Introduction: My name is Edwin Metz, I am a fair, energetic, helpful, brave, outstanding, nice, helpful person who loves writing and wants to share my knowledge and understanding with you.